Kaaba Walloo magaalaa Gaashanaatti Humni Elektirikaa adda citee ture tajaajila eegale

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC) – Kaaba Walloo magaalaa Gaashanaatti Humni Elektirikaa sababa garee shororkeessaa ABUTtiin baatii 5f adda citee ture guyyaa har’aa tajaajila eegaluu ibsameera.
Hojii deebisaanii ijaaruu bu’uuraalee misoomaa hirmaannaa olaanaan hojjetamaa tureen sararoonni daddabrsa humna Elektirikaa giddu galeessaa fi gadi aanaan Dabra Zabiixii hanga Gaashanaa jiru suphaan raawwachuun tajaajila laachuu eegaluu eerameera.
Hojiin suphaa kun cimee kan itti fufe yoo ta’uun magaaloonni Falaaqiit, Garagaraa, Koonii fi naannawaan isaanii guyyaa boruu tajaajila humna elektirikaa kan argatan ta’uu Daayreektarri Humna Elektirkaa Damee Waldiyaa ibsuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment