Finfinnee, Guraandhala 15, 2015(FBC)- Kaaba Ityoophiyaatti marsaa 2ffaan deeggarsi nyaataa meetirik tooniin kumni dhibba 1fi kumni 57 ol akkasumas deeggarsi namoomaa Birrii biiliyoona 2 ol raabsamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa beeksise.
Ityoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti lammiilee miiliyoona 21.2 deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi nyaataa marsaan taasifamaa jiraachuu Daayrektarri Quunnamtii Uummataa komishinichaa Dabbabaa Zawdeen Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
Deeggarsichis haala dandeettii biyyattii ilaalcha keessa galcheen mootummaafi qaamolee deeggartootaa garaagaraan kan dhiyaatu ta’uu kaasaniiru.
Deeggarsi namoomaa lammiilee kaaba biyyattiitti sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif marsaa 2ffaan taasifamu %92 xumuramuu dubbataniiru.
Hojii walakkeessa baatii Muddee hanga Guraandhala 9, 2015tti hojjetameen deeggarsi nyaataa meetirik toonii kumni dhibbi 1fi kumni 57 fi 852 raabsamuu eeraniiru.
Kana malees boba’aa liitirri miiliyoonni 1fi kumni dhibbi 3fi kumni 16fi 848 akkasumas Birrii biiliyoonni 2fi miiliyoonni 90fi kumni 104fi 761 lammiilee deeggarsa barbaadaniif raabsamuu addeessaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.