Juuntaan sirreeffamtoota seeraa magaalaa Maqalee keessaatti gadlakkisuun saamichi akka raawwatamuu taasisuu kaantiibaan Magaalaa Maqalee himan

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Juuntaan sirreeffamtoota seeraa magaalaa Maqalee keessaatti gadlakkisuun saamichi akka raawwatamuu taasisuu kaantiibaan Magaalaa Maqalee himan.
Kaantiibaan bulchiinsa yeroo magaalaa Maqalee obbo Ataakiltii Haayilasillasee akka ibsanitti tarkaanfii seeraa kabaachisuu fudhatame ilaalchisee miseensonni Juuntaa sirreeffamtoota seeraa yakka garagaraa raawwatanii mana amala sirreessaa turan magaalaa Maqaalee keessa gadlakkisaniiru.
Haluma kanan magaalatti keessatti yakkii saamicha akka raawwatamuu fi ummanni sodaa keessa akka galuu taasiseera jedhan.
Namoonni yakka garagaraan to’atamanii turan walitti qabamanii magaalaa Maqaaleerratti akka gadlakkifaman waan taasifameef suuqiwwan nama dhunfaa hedduun akka saamamu taasifameera jedhan.
kana kan godhanis dhaabbilee saamuudhaan sanadoota gara garaa balleessu fi ummanni soda keessa akka galuu taasisuun Raayyaan Ittisa Biyyaa fi bulchinsi haaraan amanamummaa akka hin arganneefi jedhan.
Obbo Ataakiltii Kanaanis waajjiraaleen mootummaa ta’e jedhamee akka saamamuu ta’eera jedhan.
Waajjiri Kantiiba bulchiinsa magaalaa Maqalee guutumaatti saamamuu himaniiru.
Dabalataanis dhaabbilee kenniinsa tajaajila ummataa ta’an sanadootni mana qopheessaa, manneen murtii fi haqaa saamamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment