Juuntaan injifannoo duula olaantummaa seeraan dhabe oduun deebisuuf shira meeshaa, soba rasaasa taasiisuu itti fufe – Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Juuntaan Injifannoo duula olaantummaa seeraan dhabe oduun deebisuuf shira meeshaa, soba rasaasa taasiisuu itti fufuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Iddoo kabajaa argachuun gareen kurmaana jaarraaf carraa biyya bulchuu argate biyya isaanii dugda duubaan miidhanis tarkaanfiin warreen salphina haadhaa hin barbaanneen irratti fudhatameera jedhan.
Gareen kun har’as diinoota biyyattii waliin ta’uun odeeffannoo sobaa tatamsaasuu hojii idilee taasiisuu himaniiru.
Akka yaadanitti milkaa’uu dhabanis Ityoophiyaan tokkummaan akka jiraattuu hin fedhan jedhan Dooktar Abiy barreeffama Fuula Feesbuukii isaanirratti barreessaniiru.
Injifannoo duula olaantummaa seeraan dhaban oduun deebisuuf shira meeshaa, soba rasaasa taasiisuu itti fufuu isaanii ibsaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa guutuu addunyaa keessa jiraatanii fi michoonni Ityoophiyaa haala qabatamaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuun qaamolee kabajaa fi maqaa Ityoophiyaa balleessuuf hojjechaa jiran moo’achuun dhugaan dhara akka moo’attu ga’ee isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment