Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC)- Suudaan Kibbaa Juubaatti dorgommii fiigichaa kiiloo meetira 12 miseensota kabachiistota nageenyaa idil addunyaa biyyoota 120 irraa walitti babba’an gidduutti gaggeeffameen loltuu Baantee’iddil Yittaayaw injifateera.
Dorgommichaan misensa nageenya kabachiisaa Mootaraayizdii 15ffaa kan ta’e Baantee’iddil Yittaayaw Ityoophiyaa bakka bu’ee 1ffaa ba’uun badhaasa meedaaliyaa warqee argateera.
Ajajoonni kumaa biyyoota garaagaraa haala qilleensaa fi teessuma lafaa rakkisaa keessatti dirqama isaanii ba’achuun cinaatti xiyyeeffannoon ispoortiif kennaniin galateeffamuu kan qaban ta’uu Juubaatti Itti gaafatamaan Humna Kabachiisa Nageenyaa Idil Addunyaa Jeneraal Niikoolaas Hayikan ibsaniiru.
Ajajoonni dhibbaa nageenyaa kabajchiisuun, ambaasaaddaroota biyyaa isaanii waan ta’aniif, dorgommiin ispoortii kunis aadaa biyya isaanii beeksisiif caarraa gaarii ta’uu eeruun, kanaas cimsanii itti fufuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Atileetiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgome loltuu atileet Baantee’iddil Yittaayyaw dorgommiicha irratti muuxannoo guddaa akka horate ibsuun, fuulduratti biyyaa fi dhaabbata isaanii beeksisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.