Joo Bayden Demookraatoota bakka bu’uun morkataa Preezdaant Doonaald Traamp ta’uun filataman

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Filannoo Ameerikaa baranaaf Joo Bayden Demookraatoota bakka bu’uun morkataa Preezdaant Doonaald Traamp ta’uun filatamaniiru.
 
Paartiin Demookraatootaa yaa’ii gaggeessen Joo Bayden ifaan bakka bu’aa taasisuun filateera.
 
Yaa’icharratti preezdaantiin duraanii Demookraatootaa Jiimii Kaatarii fi Biil Kiliintan, akkasumas miseensa Riippaabliikaanootaa kan turan,Ministeerri dhimma alaa duraanii biyyattii Kooliin Paawul argamaniiru.
 
Maanguddoon umrii waggaa 77 Kooliin Paawul Joo Baydeniif deeggarsa laataniiru.
 
Preezdaantiin duraanii biyyattii Biil Kiliintan Traamp ‘Waayit Hawuuz’ keessatti qaala’iinsa uumaniiru jechuun qeeraniiru.
 
Sagalee deeggarsaa hanga ammaatti kennameen Joo Bayden, Doonaald Traamp dursaa jiraachuu ibsameera.
 
Bayden bara bulchiinsa Preezdaant Baaraak Oobaamaa itti aanaa Preezdaantii ta’uun tajaajilaniiru.
 
Bara Faranjootaa 1988 fi 2008 masaraa mootummaa ‘Waayit Hawuuz’ seenuuf morkataa ta’uun dhiyaatanii turan.
 
Yaa’ii guddicha Paartichaarratti bakka buutoonni bulchiinsoota Ameerikaa 50 irraa Intarneetiin sagalee laataniiru.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment