Joo Baayiden ilma isaaniif dhiifama taasisan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Ilma isaanii Hanter Baayidan meeshaalee waraanaa fi Taaksiin shakkamee adabamuuf tureef dhiifama taasiisuun dhagahame.

Abbaan ilmaaf dhiifama gochuun kun Ameerikaatti ijoo dubbii ta’uu ibsameera.

Hanter Baayiden Fulbaana darbe himannaa gibiraa irratti dhiyaate ilaalchisuun balleesseera jedhe kan ture yoo ta’u, himannaa biraan ammoo qoricha sammuu addoochu fayyadamuufi meeshaa waraanaa qabachuun Waxabajji darbe yakkamaadha jedhameera.

Hanter nama osoo abbaan isaa Pireezidantii biyya Ameerikaa ta’ee jiruu yakkamaa ta’uun isa jalqabaati jedhame.

Pireezidant Joo Baayiden ibsa baasaniin ilmisaanii “qofaa bahee” miidhaan irra gaheera, kun ammoo “gaaga’ama haqa keessatti mul’atuudha” jedhan.

Ilmi koo Hanter dhiifamni akka taasiifamuuf mallatteessara, ergan aangoo qabadhee murtee haqaa keessa seenee hin beeku jechaan ture, mucaan koo seeraan ala yoo himatamu argaa waadaan gale eeguuf jecha calliseera.

Himanni Hanter irratti dhiyaate sirrii waan hin turreef dhiifamni akka godhamuuf taasiiseera jedhan.

Joo Baayidan ilmasaaniif dhiifama gochuu hordofee, Pireezidantii haaraa ta’uun kan filataman Doonaald Tiraamp, dhiifamni Baayidan ilma isaaniif taasiisan haqa golgeessuudha jechuun qeeqaniiru.

Doonaald Tiraampi kana dura waayita Pireezidaantii turan namoota 100 oliif dhiifama taasiisaniiru jedhame.

Bara 2020 Doonaald Tiraamp abbaa manaa intalasaanii Ivaankaa Chaarles Kushineriif dhiifama godhanii turan.

Tiraamp Sambata darbe Chaarles Kushineriin Faransaayitti ambaasaaddar gochuun muuduu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment