Joo Baayiden hariiroo Ameerikaan biyyoota Afrikaa waliin qabdu deebisanii ijaaruuf waadaa galan

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayiden dubbii jalqabaa imaammata alaa irratti erga aangootti dhufanii taasisaniin hariiroo biyyi isaanii Gamtaa Afrikaa waliin qabdu deebisanii ijaaruuf waadaa galaniiru.

Preezdaant Joo Baayiden walga’ii hoggantoota Afrikaa 34ffaa boruu fi Iftaan gaggeeffamu ilaalchisee ergaa dabarsaniin Ameerikaan Afrikaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu himaniiru.

Bulchiinsi koo michummaa keenya addunyaa irratti deebisee ijaaruuf ni hojjeta jedhan.

Dhaabbilee idil-adunyaa akka Gamtaa Afrikaa waliin ni hojjenna jedhan Joo Baayiden.

‘Rakkoolee gurguddoo nu mudataa jiran fuuldura dhaabbanna. Fayyaa adunyaa irratti investii gochuu, weerara vaayrasii koroonaa mo’achuu fi rakkoo fayyaa fuulduratti mudachuu danda’u ittisuu, qorachuu fi furuu akkasumas Gidduugala Ittisa Dhibee Afrikaa waliinis ni hojjenna’ jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment