Joo Baayiden dinagdee Ameerikaa bayyanachiisuuf Doolaara Tiriiyoona 1.9 karoorse

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa haaraa filataman Joo Baayiden torban dhuftu muudamanii waajira seenuun dura dinagdee Ameerikaa weerara vaayrasii koroonnan miidhame dammaqsuuf kan oolu Doolaara Ameerikaa Tiriliyoona 1.9 karoorsuu ifoomsan.
Kongireessiin biyyattii yoo raggaasise lammileen Ameerikaa maatiin tokko tokkoon Doolaara 1,400 deeggarsa kallattiin argatu.
Kana malees, wixineen deeggarsa maallaqa kun Doolaara biliyoona 400 fi biiliyoona 15 weerara vaayrasi koroonaa qolachuuf oolu of keessaatti qaba.
Doolaarrii biliyoona 400 fi biiliyoona 40 immoo daldala xixiqqaa deeegaruuf karoorfameera.
Baayideen weerara vaayirasii lubbuu namoota 385,000 ol galaafatee injifachuuf waadaa seenanii turan.
Wayita duula filannoo bara darbe gaggeessaa turanitti preezdaanti Tiraamp caala haala to’annoo vaayirasichaarratti akka hojjatan dubbataa turan.
Karoorri Baayideen kan ifoome wayita weerarri vaayirasichaa rikoordii cabsaa jirutti ta’uun ibsameera.
Guyyaa guyyaan namoonni 200,000 vaayirasichaan haaraan qabamaa fi guyyaatti lubbuun namoota 4,000 sababa vaayirasii kanaan darbaa jirutti.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment