Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Dooktar Joon Nikengasongi sagantaa fayyaa baajata guddaa qabu dhibee HIV ittisuuf hundaa’e Pepfar jedhamu akka dursaniif muudaniiru.
Dooktar Nikengasongi amma giddugala Ittisa Dhibee Afrikaa ‘CDC’ jedhamu hogganaa jiru.
Giddugalli kun weerara koroonaavaayirasii qolachuu irratti akka gaariin hojjechaa ture.
Sagataan fayyaa amma irratti muudaman Pepfar baajata Doolaara biiliyoona torba kan qabu yoo ta’u, deeggarsa baajataa fi yaalii biyyoota namoota HIV dhiiga isaanii keessa jiraniif deeggarsa taasiisa.
Irra caalaan isaanii biyyoota Sahaaraan gadiiti.
Yoo mirkanaa’eef dhalataan Kaameeruun kun dhalataa Afrikaa jalqabaa dhaabbaticha hogganu ta’a.
Sagantaan deeggarsaa mootummaa Ameerikaa kun erga Guraandhala darbee as hogganaa hin qabu ture.
Hoggantuun isaa duraanii Dibooraa Biriksi humna ittisa weerara vaayrasii koroonaa Ameerikaatti makamuuf gadhiistee baate.
Erga vaayrasiin koroonaa dhufee as dhibeen HIV kan dabale yoo ta’u, ogeeyyii akka jedhanitti namootni baay’een qoratamaa hin turre.
Gariin ammoo sababa hanqina dhiyeessirraa kan ka’e qoricha isaanii qixa sirriin fudhataa hin turre jedhame.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.