Joo Baayidan wixinee jijjiirama qabeenya qilleensaa fi fayyaaf dhiyaate mallateessan

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan wixinee Doolaara biiliyoona 700 jijjiirama qabeenya qilleensaa fi eegumsa fayyaaf gaafatame hojiirra akka ooluuf mallatteessuun ragaasisuun ibsame.

Baajatni gaafatame, gibira galii abbootiin qabeenyaa kaffalan irratti dabaluun akka guutamuuf karoorfamuu ibsameera.

Wixinichi wayita hojiirra oolu tarkaanfilee fudhatamaniin qorichoota fayyaaf ajajamanirratti hir’isi gatii akka taasifamuu abdii uumeera.

Joo Baayidan wixinicha mallatteessuun filannoo walakkeessa waggaa gaggeffamuuf jirurratti deeggarsa diimokiraatotaa argachuu danda’u jedhameera.

Wixinee seeraa kanarratti jijjirama qabeenya qilleensaa dhaabuuf Doolaarri biiliyoona 375 ramadamuu eerameera.

Fuulduratti ho’ina addunyaa dhaabuuf tattaffii taasisfamuuf gahaa ta’uu baatus jijjiirama gaarii akka qabaatu qorattoonnii fi ogeeyyiin damechaa ibsuu isaanii BBC gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment