Joo Baayidan si’a 3ffaaf Covid-19 qabaman

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Pireezidaantin Ameerikaa Joo Baayidan Covid-19n qabamuu Waajjirri isaanii Waayit Haawus beeksisera.

Pirees Sekretarii Waayit Haawus kan taate Kaarin Jiin Piir miidiyaatti akka dubbattetti, Joo Baayidan talaallii fudhatanii turan.

Manguddoon umrii waggaa 81 Joo Baayidan waayita filannoo Pireezidaantummaa Sadaasa dhufuuf qophaa’aa jiratti yeroo 3ffaaf dhibee Covid-19n qabamaniiru.

Filannoo Sadaasa dhufu gaggeeffamurratti bakka Baayidan namni biraa Dimokiraatota bakka bu’ee akka dorgomuuf dhiibban keessoo godhamaa jira jedhame.

Amma Covid-19 qabamuusaanii hordofee Baayidan mana jireenyasaanii Delaware keessa namarraa adda baafamanii kunuunsi godhamaafii akka jiru Waayit Haawus beeksisuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment