Joo Baayidan Isiraa’el daawwachuuf

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidanguyyaa boru Isiraa’el daawwachuuf ta’uu gabaafame.

Pireezidant Baayidan Isiraa’el kan daawwataniif waa’ee karoora waraana milishoota Hamaasirratti gaggeeffamurratti ibsa barbaadaniiti jedhame.

Baayidan Isiraa’el akkamitti akka oppereeshinii kana gaggeessaa jirtu dhaga’uuf ta’uu BBCn gabaaseera.

Daawwannaan Baayiden kun naannawichaaf daraan murteessaa ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan ibsaniiru.

Waraana Isiraa’ee fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru hanga ammaatti lubbuun lammiilee kuma 4 fi 200 olii darbuu eerameera.

Comments (0)
Add Comment