Joo Baayidan filannoo preezdaantummaa Ameerikaa moo’achuun isaanii Koollejjii Elektooraaliin mirkanaa’e

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Joo Baayidan filannoo preezdaantummaa Ameerikaa moo’achuun isaanii Koollejjii Elektooraaliin mirkanaa’uun Preezdaantii biyyattii ta’uun ifatti moggaafaman.
 
Joo Baayidan beekkamtii moo’achuu kan argatan yoo ta’u, bara Faranjootaa Amajjii 20, 2020 sirna waadaa galuu ni raawwatu jedhame.
 
Baayidan haasawa taasiisaniin demookraasiin Ameerikaa dhiibbamee sodaa kufuurra ga’ee tura jedhan.
 
Ammaa dhugaa fi cimaa ta’uu isaa mirkaneesseera jedhan.
 
Tattaaffii Preezdaant Doonaald Tiraamp bu’aa filannoo fudhachuu dhiisuuf taasiisan balaalleeffataniiru.
 
Akka seera filannoo Ameerikaatti filattoonni sagalee kan laatan kallattiin kaadhimamaa preezdaantiif osoo hin taane bakka buutoota bulchiinsootaatifi.
 
Bakka buutoonni bulchiinsoota sagaalee bakka bu’iinsaan ummatarraa argataniin ifatti Preezdaantii ni filatu.
 
Joo Baayidan gara ‘Waayit Hawus’ galuu isaanii kan mirkaneessan sirna mirkanneessa sagalee dhumarratti Koollejjii Elektooraaliin laatamuuni.
 
Irra deddeebiin bu’aa filannoo hin fudhadhu jechaa kan turan Preezdaant Tiraamp hanga ammaatti yaada hin laanne.
 
Maad:-BBC
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment