Joo Baayidan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa Qolachuuf Doolaara biiliyoona 2.3 ramadan

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa fi balaa Uumamaa qolachuuf kan oolu Doolaara biiliyoona 2.3 ramadaniiru.
Joo Baayidan sababa jijjiirama Qabeenya Qilleensaan dhiibbaa hoo’inni Awurooppaa fi Kaaba Ameerikaatti qaqqabsiisaa jiru hordofee murtoo kana dabarsuu ibsameera.
Hoo’inni kun bulchiinsota Ameerikaa 20 keessatti lammiilee miiliyoona 10 lakkaawwaman miidhuu akka danda’u ibsameera.
Maallaqni Ameerikaan ifoomsite kun sodaa balaa lolaa to’achuuf, gamoowwan haaromsuu fi maddoota anniisaa garaagaraaf kan oolu ta’uu eerameera.
Hojjettoota naannoo galoo Galaanaa Meeksiikoo jiraataniif maddoota anniisaa garaagaraarraa misooma humnaa fayyadamoo taasiisuuf ta’uu bulchiinsi Joo Baayidan beeksiseera.
Maddi:-BBC
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment