Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Obbo Kumaa Gabbisaan jiraataa Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee Aanaa Waddeessaati.
Qaama fayyaa dhalachuun yeroon booda rakkoon qaamaa kan isa mudate Obbo Kumaan, Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee Aanaa Waddeessatti hojii oomisha Bilookkeettiirratti gurmaa’uun hojjechaa jira.
Waggoota sadi dura jireenya qormaatan guutame keessa ture.
Of jiraachiisuuf jecha kophee qulqulleessuu dabalatee hojiilee xixiqqaa garaagaraa daandirratti hojjetaa ture.
Obbo Kumaan qaama miidhamaa ta’us yaadnii fi onneen isaa guutuudha.
Carraaqqii of jijjiiruuf taasiiseen rakkoolee hunda darbuun jireenya isaa jijjiiruu danda’eera.
Hamilee fi kaka’umsa hojiif qabuun waldaan gurmaa’ee Bilookkeettii oomishuu eegale.
Hojii nama qaama fayyaa qabuuf illee ulfaataa ta’e murannoon eegale.
Hojii eegaleenis milkaa’ee dargaggoota 26 oliif carraa hojii uumeera.
Namoota 16’f carraa hojii dhaabbii fi 10’f ammoo carraa hojii yeroo uumeera.
Namni kamiiyyuu yoo carraaqe jijjiirama malee, carraan jijjiiramuun hin danda’amu jedha Obbo Kumaan.
Yeroo ammaa oomisha Bilookkeettii dabalaan Mana Nyaataa banuun hojii isaa caalmaatti babal’isuu danda’eera.
Waggaa sadi dura harka namaa eeggachaa kan ture Obbo Kumaan har’a ofirra darbee namoota biroo jijjiiruu danda’eera.
Tattaffii fi murannoo of jijjiiruuf taasiiseen jireenya qormaatan guutame keessaa bahuun har’a gara jireenya qananiitti ce’eera.
Obbo Kumaan namatu hojii uuma malee hojiin nama hin uumu jedhu.
Yeroo ammaa waliigalaan ji’aan galii hanga Birrii kuma 300 fi kuma 60 argachaa jira.
Gara Invastimantiitti ce’uuf galmaa’uus ibseera.
Walitti hidhamiinsa gabaan walqabatee garuu rakkoo cimaan jiraachuu dubbateera.
Dargaggoonni garbummaa sammuu keessaa bahuun of jijjiiruuf carraaquu akka qaban dhaameera.
Obbo Kumaan Bulchiinsa magaalaa Shaggar, Kutaa magaalaa Kooyyee Faccee, Aanaa Waddeessaa fi namoota dhuunfaa hojii isaatti akka cimu deeggarsa barbaachisu godhaniif hunda galateeffateera.
Dargaggoo Turaa Naggasaan Obbo Kumaa biratti qacaramuun hojjechaa jira.
Obbo Kumaan nama yaadaa fi namuusa gaarii qaban fayyaaleessa namaa ta’uu ibsa.
Yeroo ammaa ji’aan Birriin kumni 15 kaffalamaafii jiraachuu hima.
Obbo Kumaarraa cichoomina, onnee guutuu fi hamilee hojii baradheera jedha dargaggoo Turaan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia