Jireenya qonnaan bultoota Naannoo Gaambeellaa jijjiiruuf xiyyeeffannan kan hojjetamu ta’uun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC)- Qorannoo karoora fuulduree ce’umsa qonnaa Naannoo Gaambeellaa hojirra oolchuun jireenya qonnaan bultootaa fi horsiise bultoota naannichaa jijjiiruuf xiyyeeffannan kan hojjetamu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Naannichatti karoorri qonna ammayyeessuuf qophaa’e marsaan jalqabaa ifoomeera.

Qabeenya uumamaa naannicha keessa jiru misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Qabeenyi naannichatti argamu misoomuun diinagdee biyyaaf akka oolu Ministeerri Qonnaa deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu kaasaniiru.

Karoorri kun bu’aa qabeessa akka ta’u qaamni hundi hirmaannaa taasiisuu akka qabu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuuluun dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment