Jirattoonni godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa misooma keenya hojjechaa biyya keenya eegna jedhan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC)- Jirattoonni godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa misooma keenya hojjechaa biyya keenya egna jedhaniiru.

Godina Arsiitti jiraattoonni Aanaa Zuwaay Dugdaa misooma jallisi booneetin facaasarratti argamu.

Jirattoonni kunnin hojii misooma kana cinaatti harka birattin immoo diinaa biyya keenya diiguuf sochaa’uu irraa baraaruuf hojjechaa jirra jedhaniiru.

Akkuma misooma keenya hordoofnu fi dhimamnuu kanatti nageenya biyya keenyattifis ni yaadna jedhu jirattoonni kunnin.

Aanichaatti lafti heektarri kumni fi 3 fi 532 jallissi booneettin uwwifamuf karoorfamus  hanga ammaa  lafti hektari kumni 1 fi 417 omishni facaafamu dubbatu itti gafaataman waajjirra qonna Aanaa Zuwaay Dugdaa obbo Abdurqadir Dawannoo.

Aanaa Zuwaay Dugdaa dabaalate aanoota misoomni jallissi kessatti hojjetama jiru kessatti facaasan jalqabamu fi qophii lafa irraa jiraachuu kan kasaan itti aanaa itti gafataama wajjirra qonna godina Arsii obbo Mustefaa Huseen bara kana lafa karoorfame kuma 30 ol irraa omishni kuntaalli miiliyoona 1.3 ni eegama jedhu.

Qonnan bultoonni harka tokkon misooma isaanii hojjechaa harka birattin ammoo nageenya biyya isaanii akka eegan obbo Musxefaan dhaamaniiru.

Midhaaksa Qachaatu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment