Jiraattota magaalaa Finfinnee kuma 70 oliif waraqaan eenyummaa diijiitaalaa kenname

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Jiraattota magaalaa Finfinnee kuma 70 fi 748 waraqaan eenyummaa diijiitaalaa kennamuu Eejansiin Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa magaalicha beeksise.

Daayreektarri tajaajila hawaasaa Eejansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa Finfinnee obbo Daawit Baqqalaa, jiraattota kutaa magaalaa Finfinnee 10 fi aanaalee 60f tajaajilli galmee fi waraqaa eenyummaa diijiitaala kennameera jedhan.

Obbo Daawit tajaajilicha si’ataa taasisuuf; harkifannaan neetwoorkii, ciccituun humna ibsaa fi hanqinni humna namaa tajaajilichatti gufuu ta’eera jedhan.

Tajaajilicha aanaalee hunda waliin ga’uuf hanqinaaleen meeshaa fi iddoon mijataan dhabamuun akkasumas hanqinni ogeessaa hojichaaf gufuu ta’eera jedhan.

Akka gabaasa Dhaabbata Preesii Ityoophiyaatti hanqina mudate furuuf qama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Comments (0)
Add Comment