Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Mallattoo kirkira lafaa deddeebi’aa aanaa Zuwaay Dugdaatti muul’ateen jiraattoota qe’eef qabeenyarraa buqqa’an waliin mariin tasgabbii taasifamuu ibsameera.
Gareen deeggarsaa fi itti gaafatamaa hoggansa sodaa balaa godinaa obbo urgeessoo Eda’oo fi bulchaa aanichaa obbo Jamaal Abbasiin durfamu guyyaa har’aa ganda Biitee deemuun ummata buqqa’ee mana baruumsaa naannawaatti qubate mariisiseera.
Bakka qubatee jirutti ummataaf dhiyeessii guyyoottan 5’f taasisaa kan ture aanichi,haalli jiru nagaaf tasgabbiis ta’u,hanga dhimmichi qoratamee ummatichi qe’ee isaatti deebi’utti deeggarsa midhaan nyaataa godinarraa akka barbaadan bulchaan aanichaa obbo Jamaal Abbaas FBC FM Faanaa Asallaa 90.0tti himaniiru.
Guyyaa har’aa qaamaan bakkicha gareen dhaqee kan ummat daawate itti gaafatamaan waajjira hoggansa sodaa balaa godinaa Arsii obbo urgeessoo Eda’oo,haalli taatee uumamees nagaa ta’uu fi gaaffii deeggarsaa aanichaatiifis deebi kennuu qophii ta’uu himaniiru.
Bulchaan Godina Arsii obbo jamaal aliyyii dhimmicha qaamoleen qorannoo dhimmi ilaalu hordofaa akka jiranii fi taateen shakkame kan rakkoo fiduu danda’u akka hin taane dubbataniiru.
Ummannis akka tasgabbaayee gara qe’ee fi qabeenya isaatti deebi’uu ni hojjatama jedhanii obb jamaal.
Jamaal Gandootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.