Jiraattoota naannoo Oromiyaa fi Afaar yaa’a laga Awaash keessatti argaman balaan lolaa qunname

Finfinnee Hagayya 27, 2012 (FBC)- Jiraattoota naannoo Oromiyaa fi Afaar yaa’a laga Awaash keessatti argaman balaan lolaa qunnamuu Waajjirri Misooma Yaa’a Laga Awaash beeksise.
 
Yaa’a lagichaatti torbeewwan darbanii eegalee balaa lolaa muudateen jiraattoonni hedduun naannichaa buqqa’aniiru.
 
Naannoo Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa aanaa Daawwaa Iluu, Shawaa Lixaa aanaa Ejeree, Shawaa Bahaa aanaa Liiban Booraa, Adaamaa, walakkeessa aanaa Faantaallee fi magaalaa Matahaaraatti balaan lolaa mudateera.
 
Naannoo Afaar aanaalee Amiibaaraa, Asaaytaa, Duuftii fi Afaamboottis balaan lolaa mudachuun itti gafatamaan Waajjira Misooma Yaa’a Laga Awaash obbo Abajjee Mangaashaan Faanaa Broodkaastiing koorporeetiif himeera.
 
Naannoolee kanneeniiti dursanii balaa lolaa kana ittisuuf Waktii bonaa hojiileen garaagaraa hojjetamuu dubbataniiru.
 
Yeroo ammaa humna namaa dabalatee hojiin ittisaa hojjetamaa jiraatus hangi Roobaa dabalaa dhufuu isaan hidhaaleen humnaa ol bishaan kuufachuun naannichaatti balaa lolaa qaqqabsiisuu ibsameera.
 
Kutaalee hawaasaa guyyaa har’aa balaan lolaa mudateef deeggarsi taasifamaa jiraachuu waajjirichi ibseera.
 
Erga balaan kun mudatee hojiileen lubbuu baraaruu qaama dhimmi ilaalu hunda waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himameera.
 
Hangi Rooba gannaa cimee kan itti fufu ta’uu odeeffannoon raaga haala qilleensaa ni muul’isa kan jedhan obbo Abajjeen, jiraattoota naannoo yaa’a laga Awaash naannichaa baasuuf hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
 
Jiraattoota sababa balaa lolaan buqqa’aniif mootummaan naannoolee fi Federaalaa deeggarsa taasisaa jiraachuu obbo Abajjeen ibsaniiru.
 
Jiraattoonni kunneen weerara vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo cimaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
 
Rakkicha itti fufiinsaan furuuf qorannoolee Waajjira Misooma Yaa’a laga Awaashiin hojjetaman gara hojiitti hiikuuf xiyyeeffannoon itti laatamuu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment