Jiraattoonni Shawaa Kaabaa Birrii miiliyoona 33 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti jiraattoonni Shawaa Kaabaa Birrii miiliyoona 33 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisaniiru.

Jiraattoonni godinichaa Raayyaa Ittisaa adda waraanaatti ABUT falmaa jiruuf deeggarsa hunda galeessa taasiisaa jiraachuu Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Abrahaam Gaaddisaan ibsaniiru.

Hojjettoonni, Qonnaan bultoonni, daldaltoonnii fi abbootiin qabeenyaa aanaalee godinichaa 13 keessatti argaman guyyoota muraasa keessatti deeggarsa kana walitti qabuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa midhaan nyaataa, Sangoota, Hoolootaa fi Ra’oota deeggarsa taasiisu obbo Abrahaam himaniiru.

Yeroo itti aanus sagantaan dhiiga arjoomuu fi hamilee laachuu kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment