Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC)- Jiraattoonni naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa gocha badii garee ABUT ofirra qolachuu qophii ta’uu ibsaniiru.
Jiraattoonni godina Walloo Kibbaa aanaa Hambaa Saalii magaalaa Wacaalee gocha badii garee ABUT naannichaarratti raawwataa jiru ofirra qolachuuf sadarkaa jiraanitti qophii ta’uudha kan himan.
Garee ABUT aanaa Hambaa Saalii fi naannawaa isheerran rakkoon nageenya kamiyyuu akka hin qaqqabsiisnef dargaggoonni 700 gurma’uu nageenya magaalaa eega jiru jedhu itti aanaan komadera magaalaa Wacaalee Mokonniin Shiimuun himaniiru.
Kana malees raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’uu daangaa garee ABUT itti galuu danda’uu maraarratti egumsaa fi sakka’insii cima taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.
Namoota sababa rakkoo nageenyan magaalaa Waldiya, Marsaa fi Urgeessaa irraa buqqa’aniif deeggarsa taasifamaa jira.
Magaalaa Waacaleetti sababaa gareen ABUT raawwataa jiru sochiin diinagdee hawaasa lafaa kan jiru ta’uus ,hawaasni aanaa Hambaa Saalii fi naannawaa ishee sochii hawaas diinadgee duratti debi’uun nageenya qe’ee isaaf naannawaa ofii eegachuu akka qabus himamee jira.
Gammachuu Beekumaatu gaabase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.