Jiraattoonni naannawaa Abbayaa, Qooqaa fi Awaash jiraatan of eggannoo akka taasisan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Jiraattoonni naannawaa Yaa’awwan Abbayaa, Qooqaa fi Awaash jiraatan of eeggannoo akka taasiisan Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa hubaachiise.

Ogeettiin raagaa Instiityuutichaa Samraawwit Dabbabaan, guyyoottan 10’n dhufanitti kutaa biyyattii garaagaraa keessatti duumeessii akka jiraatu ibsan.

Duumeessi bakka hinjireettis roobni cimaan roobuu danda’aa raagni jedhu jirachuus eeraniiru.

Haaluma kanaan jirattonni naannawaa yaa’awwan Abbaayaa, Qooqaa fi Awaash haala barameen olitti miidhaa qaqqabsiisuu waan danda’aniif hawaasni naannawaa yaa’awwan kanneennii jiraatu of eeggannoo akka taasiisu akeekaniiru.

Magaaloota keessattis lolaan akka hinmudanneef bo’iiwwaan lolaa balfaarra qulqulleessuun akka barbaachisu Aadde Samraawwit Faanaa Biroodkaastingi Koorpooreetif ibsaniiru.

Maartaa Geetaachootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment