Jiraattoonni magaalaa Shashamannee fi Bishaan Gurraachaa hiriira deeggarsaa ba’an

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC)- Jiraattoonni godina Arsii Lixaa magaalaa Shashamannee fi Bishaan Gurraachaa hiriira deeggarsaa ba’aniiru.

Jiraattoonii hiriira deeggarsaa ba’aan kunneen waggoottan sadan darbaniitti Jijjiirama mootumman dhufee cina akka dhaabbataniis ibsaniiru.

Mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhatee akka deeggaran himaniiru.

Tarkaanfii wal fakkataa akka kana ABO shanee gochaa badii raawwaturratti akka fudhatu himuun, Shanees ni balaleeffanna jedhaniiru.

Gooticha Juuntaa barbadeessee Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad akka  dinqisfitan himaniiru.

Juuntaa biroon akka hin uumamnee nuun ammoo deeggarsa taasisuu qabna jedhaniiru.

Addis Taammiraatu gabaase

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment