Jiraattoonni Magaalaa Shaashamannee utubaawwan ibsaa ammayya’aan dhaabbatan tajaajila nuuf laachaa hin jiruun komatan

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)- Magaalaa Shaashamannee utubaawwan ibsaa ammayyaa’aan bara 2007 irraa eegalee dhaabaman tajaajila barbaachisu nuuf kennaa hin jiru jechuun jiraattoonni komiisaanii FBC’f ibsatan.

Utubaawwan kunniin guyyaa guyyaa ijaan mul’atanii bareedina magaalattii agarsiisuun ala hamma miidhagina isaanii halkan ifanii tajaajila kennaa hin jirani kan jedhan.

Tajaajila ibsaa osoo kennanii nageenya magaalattii mirkaneessuuf gahee olaanaa taphatu tureen ibsan.

Qabeenyi ummataa guddaan itti bahee kan dhaabaman utubaawwan ibsaa kunniin tajaajila malee waggoota darbaa waan jiraniif qisaasaa akka jiran dubbatan.

Manni Qopheessaa Magaalaa Shaashamannee utubaawwan kunniin ifuu dhabuusaaniitiif jalqaba yeroo ijaaraman rakkoo teeknikaa qabaachuun sababa tokko jedhee jira.

Hoji Gaggeessaan Mana Qopheessaa magaalichaa Obbo Musxafaa Gammadaa, adda durummaan garuu utubaawwan kunniin akka hin ifne kan taasise shiboon ibsaa isaanii hattootaan hatamuusaatiini kan jedhan.

Utubaawwan kunniin tajaajila ibsaa akka kennan gochuuf bara 2013 baasii Birrii miiliyoona 6.4’n suphaan taasifamuufii dubbatanii jiru.

Shiboon utubaawwan kanniinii akka hin hatamne lafa jalatti simintoon akka hidhamu taasifamuudha kan dubbatan.
Suphaa taasifameefiin sararoonni utubaawwan kunniin itti dhaabaman yeroo ammaa kana ifaa jiraachuudha Obbo Musxafaan kan eeran.

Hoji Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalattii kana haa jedhan malee rakkoo fi furmaata utubaawwan ibsaa kana irratti irra deddeebiin gabaasa hojjachaa kan ture FBC halkan tuuta gaazexeessitootaa ramadee daawwannaa taasiseen jecha hoji gaggeessaa mana qopheessaatiin faallaa utubaawwan 8.2 km keessaa iddoowwan muraasa qofatti lakkoofsaan xiqqaa kan ta’an akka akka ifan mirkaneessee jira.

Biqilaa Tufaatu gabaase

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment