Jiraattoonni magaalaa Sandaafaa Bakkee fi aanaa Alaltuu filannoo guyyaa kaleessa nagaan xumuramuusatti gammadu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2013 (FBC)- Jiraattoonnii fi caasaa nageenyaa magaalaa Sandaafaa Bakkee fi aanaa Alaltuu filannoon guyyaa kaleessaa nagaan xumuramuusatti gammadu ibsaniiru.

Jiraattoonni kunneen adeemsi filannichaa haqa qabeessaa fi fulduurri keenyaa ifaadha jechuun FBCtti himaniiru.

Nageenya kana bobbii keenya marraratti agarsiisuu qabnas jedhaniiru.

Hawaasni filates haa ta’u paartileen siyaasaa bu’aa fillannoo kana kabajuun nageenya amma jiru itti fufsiisuu qabu dhaamaniiru

Caasaan nageenya sadarkaan jiru hojii nageenyaa dadhabbii tokko malee hojjechaa turuu fi ammas itti fufuu himaniiru.

Hawaasni nageenya isaa akka eegsisaa jiru kanatti gara fuulduraas caasaalee nageenyaa waliin ta’uun nageenya biyyaaf hojjechuu qabaa dhaamaniiru.

Hawaasa qaamolee nageenyaa waliin ta’uudhaan hojii nageenya kabachiisuu hojjetaa turanis galateeffataniiru.

Addis Taammiratu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment