Jiraattoonni Magaalaa Miillee ajjeechaa gareen shororkeessaa ABUT namoota nagaa irratti raawwate balaaleeffachuuf hiriira gaggeessan

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC)- Naannoo Afaaritti jiraattonni Magaalaa Miillee ajjeechaa gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaa irratti raawwate balaaleeffachuuf hiriira gaggeessaniiru.
Jiraattooonni kunneen Ajjeechaa suukanneessaa Gaaliikoomaatti gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaarratti raawwate balaaleeffachuuf hiriira ba’uuniiru.
Shirri gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa diiguuf hojii hojjechaa jiru akka hin milkoofne ummanni naannichaa tokkummaan dura kan dhaabbatu ta’uu hiriiricharratti ibsameera.
Garichi ajjeechaa daa’immanii fi dubartootarratti raawwateen yakka duguuggaa sanyiin gaafatamu akka qabu gaafachuu isaanii EBC gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment