Jiraattoonni Magaalaa Matahaaraa fi Aanaa Fantaallee hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee shororkeessitootaa gaggeessaan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) –Jiraattoonni Magaalaa Mataaharaa fi Aanaa Fantaallee, aggaammii gareen Shoroorkeessitoota ABUT fi Shanee biyya diiguuf taasisaa jiran balaaleefachuu fi deeggarsa Gootoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban agarsiisuuf hiriira gaggeessaniiru.

Hiriira deeggarsa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamaa jiru kanarratti, dhaadannoon gocha garee Shororkeessaa ABUT fi Shanee balaaleeffatan hedduun dhageesifamaniiru.

Hirmaattoonni hiriiricharratti qooda fudhatan, osoo nuti jirru Ityoophiyaan hin diiggamtu, gochaan garee Shororkeessitootaa hin milkaa’u, biyyi ololaan diiggamtu hin jirtu, Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun, shororkeessitoota ni dhabamsiifna dhaadannoowwan jedhan dhageessisaniiru.

Maddi:- OBN

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment