Jiraattoonni magaalaa Finfinnee Juuntaa mormuuf boru hiriira ni gaggeessu jedhame

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Jiraattoonni magaalaa Finfinnee garee Juuntaa mormuuf boru hiriira kan gaggeessan ta’uu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiise.
Hiriirichi ganama sa’aatii 1:00 irraa eegalee hanga guyyaa walakkaatti kan gaggeeffamu ta’uu itti gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Magaalichaa obbo Abdii Tsaggaayyeen himaniiru.
Hiriira gaaffii uummataa bu’uura taasiisuun gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon hiriirichaa Juuntaa mormuu qofa osoo hin taane ummanni Raayyaa Ittisaaf deeggarsa isaa agarsiisuufi jedhan.
Akka EBCn gabaaseetti Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa fi Filannoon Biyyaaleessa marsaa 6ffaa milkiin xumuramuu isaa leellisuuf hiriira gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment