Jiraattoonni magaalaa Duukam hiriira bahuun gocha gara jabeenya murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate balaaleffatan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Jiraattoonni magaalaa Duukam hiriira bahuun gocha gara jabeenya murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate balaaleffatan.

Jiraattoonni magaalaa Duukam hiriira bahuun gocha gara jabeenya murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate balaaleffachuun Jaalaalaa fi Deggersa Raayyaa Ittisaaf qaban ibsatan.

Dhaadannoo yakka gantummaa juntaa ABUT ni balaaleffannaa,wayyaanee fi shaneen gantoota biyyaaf ummataati,tarkaanfii mootummaan federaalaa humna gantuu ABUT Irraatti fudhachaa jiru cimsee Itti fuufuu qaba jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa ni deggeerra, ABUT fi deeggartoonni isaa diina sabootaa, sablammoota fi Ummattoota Ityoophiyaati jedhuu jiraattoonni kunneen kan qabatanii bahan.

Haaluma walfakkatuun, Jiraattonni Magaalaa Hoolataa gocha suukkanneessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajajaa Kaabaarraan gahe hiriira bahuun balaaleffatan.

Kayyoon ABUT yoo danda’e jeequmsaan aangotti deebi’uufi saamuu, tokkummaa biyyaa diiguufi jijjiirama sadarkaa addunyaatti dhufe salphisuudhaa jedhan.

Kun ulaagaa kamiinuu fudhatama akka hin qabne beeksisuufi tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru tumsuu keenya mirkaneessuuf hiriira baane jedhan.

Bulchiinsi Magaalaa Hoolataa fi jiraattonni deeggarsa sangootafi meeshaalee adda addaa birrii Miiliyoona 1.5 tti tilmaamamu Raayyaa Ittisa Biyyaa gumaachaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment