Jiraattoonni Kaamaashii ergamtoota garee ABUT irratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu gaafatan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC) – Jiraattoonni naannoo Beenishaanguul Gumuz Godina Kamaashii ergamtoota garee ABUT irratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu gaafatan.

Jiraattoonni kunneen magaalaa Kaamaashiitti hiriira balaaleffannaa gaggeessaniiru.

Ergamtoota garee shororkeessaa bosona keessa jiranirratti mootummaan tarkaanfii irra deebii hin qabne akka fudhan gaafataniiru.

Hidhattoonni Gumuz bosona galan Gumuz bakka kan hin buune ta’uu ibsaniiru.

Jiraattoonni kunneen Haleellaa garichi lammiilee nagarratti raawwatu balaaleeffachuu miidiyaan naannicha gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment