Jiraattoonni godina Oomoo Kibbaa duula birmaddummaa biyyaatif yeroo 3ffaaf deeggarsa maallaqaa fi gosa taasisan

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Jiraattoonni godina Oomoo kibbaa duula birmaddummaa biyyaatif yeroo 3ffaaf deeggarsa maallaqaa fi gosa taasisaniiru.

Jiraattoonni kunneen deeggarsichaan Birrii miiliyoona 12 fi sangoota 102 kan taasisaan.

Walitti qabaan koree sassaabbii godinicha obbo Mihratuu Asaffaa akka ibsanitti, hawaasni godinichaa raayyaa ittisa biyyaa baraaruuf tattaaffii taasisuuf tumsuuf deeggarsa taasisaan cimsanii kan itti fufaan ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis deeggarsa meeshaalee nyaataa garagaraa miiliyoona 2.8tti tilaamamuu taasisuu himaniiru.

Kanaan dura hojjettoonni mootummaa, abbootiin qabeenyaa fi horsiisee bultoonni godinichaa deeggarsa marsaa 2ffaatin Birrii miiliyoona 12 fi sangoota Birrii miiliyoona 3tti tilmaamamu taasisuusanii yaadachiisaniiru.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment