Jiraattoonni godina Jimmaa ijaarsa hidha haroomsaaf Birrii miiliyoona 20 oliin bittaa boondii raawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC) – Jiraattoonni Godina Jimmaa ijaarsa hidha haroomsaaf Birrii miiliyoona 20 oliin bittaa boondii raawwachuu ibsameera.

Jiraattoonni godinichaa ijaarsi hidha haaromsaa erga jalqabee kaasee bifa garaagaraan deeggarsa taasisaa turuusaanii Manni Maree Qindeessaa ijaarsa hidha haroomsaa Godina Jimmaa beeksiseera.

Bara kanas jiraattoonni godinichaa, Birrii miiliyoona 20 fi kuma dhibba 6n bittaa boondii raawwachuusaanii Barreessaan Mana marichaa obbo Samaruddin Mohammad Zeyin dubbataniiru.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, hidhii haroomsaa irree qindaahaa ummata biyyattiin ijaaramaaru hanga xumuramutti, jiraattoonni godinichaa deeggaarsa godhanii fi bittaa boondii cimsanii itti fufu jedhaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment