Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC)- Jiraattoonni godina Jimmaa hongee godina Booranaatti muudateef deeggarsa midhaan nyaata kuntaala 800 olii fi nyaata beeyiladootaa taasisaniiru.
Deeggarsi taasifamee Birrii miiliyoona 2.2tti tilmaamama jedhameera.
Abbootiin Gadaa, maanguddoonnii fi bakka buutonni ummata Godina Jimmaa miidhamni ummata Booranaa miidhama keenya waan ta’eef waan qabnuun wal cina dhaabbannee rakkoo kamuu waliin ni ceena jedhaniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir yeroo rakkoos ta’ee gammachuu waliin dhaabbachuun aadaa keenya jedhaniiru.
Haaluma wal fakkatuun Yuunvarsiitiin Jimmaa Godina Booranaatti lammiilee sababa gogiinsaan miidhamaniif Birrii miiliyoona 1tti kan tilmaamamu meeshaalee adda addaa deeggarsa taasise.
Deeggarsi taasifamees meeshaalee nyaataa, zayta, nyaata loonii, meeshaalee nyaanni itti nyaatamu, firaashii, uffata qorraa, ashaboo, sukkaara, ruuzii, timaatima, baala shaayii, atara, maaksii fi saanitaayizeerii faa kan of keessatti kan haammatamaan ta’u himameera.
Tasfaahun Kabbadaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.