Jiraattoonni Godina Arsii Lixaa ummata Booranaa hongeen midhaaniif  deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Jiraattoonni Godina Arsii Lixaa ummata Booranaa hongeen midhaaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaa kuma 1 fi 700 ol taasiisan.

Midhaan nyaataa kuntaalli kuma 1 fi 772 Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamu walitti qabamuun  lammiilee Godina Booranaaf guyyaa boruu kan geeffamu ta’uu  itti aanaa Bulchaan Godina Arsii Lixaa obbo Asaffaa Tolosaa ibsaniiru.

Godinichi kana dura nyaata loonii marga hidha kuma 9 fi 640 fi nyaata loonii qindaa’aa kuntaala 100 horsiisee bultoota godina Baalee Bahaatiif laachuun kan yaadatamuudha.

Akkasumas horsiisee bultoota Booranaatiifid midhaan nyaataa kuntaala kuma 1 fi 73 gumaachee ture.

Geetaachaw Muul’ataatu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment