Jiraattoonni Aanaa Zuwaay Dugdaa Aramaa Bocee Hara Dambal qulqulleessan

Finfinnee,Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Jiraattoonni Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa gandoota 4 irraa walitti babba’an Arama Bocee Hara Dambal duulaan qululleessaniiru.
Godinaalee Shawaa Bahaa fi Arsii kan daangessu Harri Dambal Aramaa Boceen erga weeraramee waggaa lamaa ol lakkoofsiseera.
Yeroo ammaa qaamni haroo kanaa hedduun aramaa kanaan weeraramuu ibsameera.
Jiraattoonni Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa Ganda Golbettis haroo ykn raaree kana irraa Aramaa Bocee balleessuuf hojii duulaa eegalaniiru jedhame.
Sagantaa duulaa har’a eegalame kanarratti hawaasni gandoota Haroo Dambaaliin daangeffaman 4 fi aanga’oonni mootummaa aanaa hanga naannootti jiran hirmaachuu ibsameera.
Rakkoon Aramaa Bocee Haroo Daambalirratti muul’ate gandoota aanichaa 10 keessatti babal’achuu Itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Godina Arsii obbo Aadam Sayid ibsaniiru.
Aramicha qolachuuf Yuunvarsiitii Arsii waliin hojjetamaa jiraachuu dubbataaniiru.
Arama kana balleessuuf hirmaannaan hawaasaa murteessa ta’uu fi dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa deeggarsa barbaachu akka taasiisan Bulchaan Godina Arsii obbo Muusaa Furoon gaafataniiru.
Aramaan Bocee naannoo Oromiyatti Haroowwan adda addaarratti muul’achuu fi aramicha dhabamsiisuuf mootummaan naannoo Oromiyaa hojjechaa jiraachuu Itti aanaan Daayreektara Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Oromiyaa obbo Boonaa Yaaddeessan ibsaniiru.
Abdallaa Amaantu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment