Jiraattoonni Aanaa Jiddaa Raayyaa Ittisaaf deeggarsa akaakuu fi maallaqaa taasiisan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Jiraattoonni Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa
Raayyaa Ittisaaf deeggarsa akaakuu fi maallaqaa taasiisaniiru.

Qonnaan Bultoonni, Hojjettoonni mootummaa, jiraattoonni magaalaa fi dubartoonnim aanichaa waliigala deeggarsaa maallaqaa fi akaakuu Birrii miiliyoona 8 fi kuma dhibba 4 olii taasiisuu Bulchaan Aanaa Jiddaa obbo Taklemaariyaam Girmaa ibsaniiru.

Aanichaatti marsaa 2ffaan hojjetoonni mootummaaraa Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 2 fi kuma 66, Qonnaan bultoonnii fi jiraattoonni magaalaa Birrii miiliyoona 6 fi kuma dhibba 1, fi kuma 41 akkasumas dubartoonni Birrii kuma 55 walitti qabuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa aanichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment