Jiraattoonni Aanaa Bookee marsaa 2ffaaf Sangoota 16 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2014 (FBC) – jiraattoonni Godina Harargee Lixaa Aanaa Bookee Gooticha Raayyaa Ittisa biyyaaf sangoota 16 arjoomaniiru.

Jiraattoonni aanaa Bookee fedhii isaaniin sangoota 16 Raayyaa Ittisaa deeggaruu Bulchaan Aanaa Bookee obboo Naajjii Mahammad ibsaniiru.

Jiraattoonni Aanaa Bookee dargaggoonni,qonnaan bultoonni fi kutaaleen hawaasaa garaa garaa deeggarsa kana taasiisuu himaniiru.

Aanaalee fi magaalootnni godina Harargee Lixaa hunda keessatti deeggarsi Maallaqa callaa fi akaakuu Raayyaa Ittisaaf walitti qabamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Bookeerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment