Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Jiraattoonni aanaa Addaa Burjii maallaqaa fi Akaakuu Birrii miiliyoona 8tt tilmaamamu Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Jiraattoonni aanichaa Xaafii Kuntaala 300, Birrii miiliyoona 3, Ra’oota 27 fi nyaatawwan adda addaa Raayyaa Ittisaaf kana dura deeggarsa taasiisaniiru jedhame.
Guyyaa har’aa ammoo sangoota 22 Raayyaa Ittisaaf arjoomaniiru.
Yeroo itti aanus itti fufiinsaan deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu ibsameera.
Naannoo Kibbaatti deeggarsi Raayyaa Ittisaaf taasiifamu cimee itti fufuu ragaan Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.