Jiraattonni Magaalaa Nageellee qaamolee nageenyaa garee Shororkeessaa Shanee dhabamsiisuuf Oppireshiinii  gaggeessaa jiraniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Godina Gujiitti  Jiraattonni Magaalaa Nageellee qaamolee nageenyaa qindoominaan garee Shororkeessaa Shanee godiinicha Keessaa dhabamsiisuuf Oppireshiinii  geggessaa jiraniif deeggarsa Sangootaa fi Mallaqaa taasisuun jajjabeessan.

Maddi qaamolee nageenyaa uummata, uummanni galaana hin gogu kan jedhan jiraattooni Bulchiinsa Magaala Nageellee,

Kanaan dura gareen Shororkeessaan Shanee halkan da’eeffachuun gara magaalaa luuxee seenuun dhukaasa banee nama ajjeessaa fi  hawaasa nagaa Shororkeessaa turuu jiraattonni magaalichaa ibsaniiru.

Yeroo Oppireeshinii qindaa’aa Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa, Poolisiin Humna Addaa Oromiyaa, Poolisiin Idilee fi Milishaan garee shororkeessaa Shanee dhabamsiisuuf aanaalee godinichaa rakkoo nageenyaa qaban keessatti gaggeessuu jalqabaniin nagaan oolanii buluu fi hojii misoomaa tasggabbiin adeemsifachaa jiraachuu  ibsaniiru.

Qaamolee nageenyaaf kanaan dura deeggarsa taasisaa turuu fi gara fuulduraattis kan taasisan ta’uu kaasaniiru.

Hawaasni magaalichaa dheebuu nagaa isaa mirkanaa’e arguu qaburraa ka’ee deeggarsa kana qaamolee nageenyaaf gochaa turuu ibsuun, deeggarsi kunis qaamolee nageenyaatti hamlee itti hora jedhanii kan abdatan ta’uu  Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Nageellee Obbo Firoomsaa Edeemaa eeraniiru.

Humni nageenyaa qindaa’ee oppireshiinii  garee shororkeessaa Shanee godinicha  keessaa qulqulleessuu erga jalqabee as lafti garechaan qabamee ture hedduun bilisa ba’aa jiraachuu Itti Gaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa godinichaa Obbo Mahaammad Nuuraa himaniiru.

Qaamolee nageenyaa hojii boonsaa kana hojjatan jedhanis galateeffachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Gujiirraa argame ni mul’isa.

Deeggarsicha kan fuudhan Bakka Bu’aan Itti Gaafatamaa Poolisii Humna Addaa Oromiyaa Reejimentii Nageellee Inispeektar Mokkonnin Abbabaa, deeggarsi kun kanaan duras nuuf godhamaa jira, ammas hawaasni waan qabuun nu duuba dhaabachuun isaa hojii diina rukutuuf goonu keessatti humna nuuf ta’a jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment