Jiraattonni Magaalaa Mojoo kenninsa tajaajila dhaabbilee mootummaa tokko tokkorratti komii qaban ibsan

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Magaalaa Mojootti yeroo dhiyoo as kenniinsa tajaajila dhaabbilee mootummaarratti fooyya’insi mul’atuus dhaabbataa dhaabbataatti adda addaa jechuun jiraattonni magaalitti himaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korpooreet naannoo Oromiyaa magaaloota adda addaatti daawwannaa taasiseen dhaabbilee mootummaa rakkoo kenniinsa tajaajilaa qabu jechuun adda baafamaan keessaa waajjiraalee daldalaa fi lafaa fooyya’iinsi jiraatuus ammallee rakkoowwan lafaan walqabatee jiraachuu hubateera.

Jiraattonnis faayidaan dhibuun rakkichi uumamu himaniiru.

Magaalichaattis guyyoonni sadii adda baafamuun tajaajilaaf adda ba’aan gara hojiitti galaniiru.

Waajjiraalee komiin irratti ka’uu keessaa inni tokko waajjirri daldalaa rakkicha furuuf hojii eegaluu ibsuun bu’aa barbaadamu fiduufis kan hojjetu ta’uu ibseera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa aadde Masarat Abbabaa jijjiirrama barbaachisuu fiduuf ni hojjenna jedhaniiru.

Fala furmaataaf kallattiin kaa’ameera jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira lafaa magaalaa Mojoo obbo Indaargaachoo Nagaash gama isaaniin, kenniinsa tajaajila hawaasa ammayyeessuuf hojiiwwan adda adda hojjetamuu himuun bu’aa gaarii argamsiisuuf ni hojjennaa jedhaniiru.

Afawarq Iyyaayuutu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment