Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee yaa’ii Gamtaa Afrikaa 35ffaa torban dhufu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin Afrikummaa kootti nan boona, jiraattonni magaalaa Finfinnee marti Afrikaanummaa keenyatti boonaa milkaa’ina yaa’ichaaf waliin haa dhaabannu jechuun dabarsaniiru.
Ergaan isaanii guutuun akka ittaanutti dhiyaateera.
Afrikaanummaa Kootiin Nan Boona!!
Jiraatonni magaalaa keenyaa martinuu, Afrikaanummaa keenyaan ni boonna, milkaa’ina Yaa’ii Gamtaa Afrikaatiif waliin haa dhaabbannu!!
Yaa’iin hooggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan magaalaa guddittii keenya Finfinneetti adeemsifamuuf guyyoota muraasatu isa hafa.
Magaalaan keenya Finfinneen magaalaa guddittiin Afrikaanotaa, giddugalli diippiloomatikii addunyaa asxaa sabdaneessummaati.
Biyyi keenya Itoophiyaan baroota hedduu keesaatti Afrikaanota maraaf sagalee ta’uun, irra deddeebiin ilaalcha Afrikaanotaa fi Paan-Afrikaanizimii keesaatti shoora guddaa kan taphachaa turte, fakkeenya injifannoo Afrikaanotaati.
Yaa’iin Afrikaanoonni mana isaanitti walitti qabaman kana hundi keenya kan abdiin eeggannu, keessumattuu waqtii kana keessa Itoophiyaafis ta’ee magaalaa keenya Finfinneef kan hiikaa addaa qabudha.
Qabsoo jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keessaa fi alaan biyya keenya Itoophiyaa mudatee tureen wal qabatee yaa’ichi Itoophiyaaf gaarii fi injifannoo misiraachoodha.
Tattaaffii diippiloomaasii olaanaa taasifameen, obboloonni keenya Afrikaa nu waliin ta’uu isaaniitiin yaa’ichi akka adeemsifamu murteessuurraatti kan agarsiisan fi kabajaa fi jaalala biyya keenyaaf qaban kan itti mirkaneessanidha.
Yaa’ichi Itoophiyaan nagaa miti, hooggantoonni Afrikaa hedduu irratti argamuun haa hafuutii lammiileen biyya alaa jiraniyyuu magaalattii gadhiisanii bahuu qabu jechuun duulli miidiyaa sadarkaa guddaan nurratti adeemsifamaa ture ifa baasuun, dhugumatti Itoophiyaan nageenya amansiisaa ofii isheetiin mirkaneessuu akka dandeessu ta’uu ishee magaalaan keenya Finfinneen yeroo kamiyyuu caala nagaa fi miidhagduu akkuma barametti ga’umsa magalaa guddittii Afrikaanotaa taatee akka itti fuftu kan ishee taasisu kan qabdu ta’uu ishee kan mirkaneessudhas.
Yaa’ichi magaalaa keenyaafis haata’uutii biyya keenyaafis kan biroo hiikaa hedduu yaa’ii qabudha. Waan ta’eef milkaa’ina yaa’ii kanaaf hundi keenyayyuu itti gaafatamummaa guddaa qabna. Magaalaan keenya yaa’ii seena qabeess kana bifa ho’aa fi miidhagaa ta’een adeemsifamee akka xumuramuuf qophiilee barbaachisu hunda taasifteetti.
Jirattonni magaalaa keenyaa hundinuu sagantaa duula qulqullinaa hunda haammate Dilbata dhuftu gaggeeffamu irratti mijeessummaa fi kakaasummaa tokko malee ofiin bahee naannoo isaa qulqulleessuun akka bareechu waamicha koon dhiyeessa.
Kabajamtonni abbootii qabeenyaas gamoowwan naannoo keessanii akka miidhagsitanii fi ibsaawwan keessaa fi alaa osoo hin dhaamsiin miidhagina magaalattiif gahe keessan akka baatan amaanaan isiniin jedha.
Dabalataanis yeoo hamtuutti magaalaa keenya balaa irraa oolchuun gahee guddaa kan taphattan raayyaan uummata keenyaa, nageenya naannoo keenyaa eeguun, aadaa keenya, miidhagina keenyaa fi bifa sabdaneessummaa keenya beeksisuun, qaamolee nageenyaa keenya waliin ta’uun wal gargaarree hojjachuutu isinirraaeegama.
Dhaabbilen tajaajila kennitanis haala baratamerraa fooyyessuun waanta nurraa eegamu hunda gahumsaan taajajila kennuun itti gaafatamummaa keenya bahuun qabna.
Walumaa galatti jiraatonni magaalaa keenyaa namusaa fi keessummaa simannaa Itoophiyaanummaa keenyaa barameen keessummoota keessumeessuun Afrikaanota gara magaalaa guddoo keenyaa dhufan gara mana isaanii akka dhufanitti akka itti dhaga’amutti gochuun itti gaafatamummaa isaa akka bahu amaanan siniin jedha!.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.