Jiraattonni magaalaa Finfinnee qaala’iinsa jireenyaarratti tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu gaafatan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Finfinnee qaala’iinsa jireenyaarratti tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu gaafachuu ibsame.

miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa uummata magaalichaa isaan filate waliin mari’ataniiru.

Marichaan jiraattonni magaalichaa qaala’iinsa jireenyaarratti tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu gaafataniiru.

Dabalataan rakkoolee nageenyaa fi bulchiinsa gaarii biyyattii fi magaalichaa, proojektiiwwan eegalamanii osoo hin xumuramiin hafanii fi  dhiyeessii haqa maleessa waldaalee shammattootaa irratti mootummaan sirreeffama taasisuu akka qabu gaafataniiru.

Miseensonni mana marichaa gamasaaniin gaaffileen jiraattonni kaasan xiyyeeffannoon kennameefii deebii hatattamaa akka argataniif hoggantoota aanaalee, kutaalee magaalaa, magaalichaa fi mootummaa federaalaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu fi uummataa fi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun imaanaa itti kenname kan ba’atan ta’uu eeruu Isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment