Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Jiraattonni kutaa magaalaa Ekkaa aanaa 6 lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii Dabrabirhaanitti argamaniif deeggarsa garaagaraa taasisuu ibsame.
Meeshaalee nyaataa dabalatee deeggarsi garaagaraa Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamu taasifamuu ibsameera.
Deeggarsi taasifamu hanga lammiileen buqqa’an qe’ee isaaniitti deebi’anitti kan itti fufu ta’uu Itti aantuun hoji gaggeessituu aanichaa aadde Beezaaawarq Amaaree ibsaniiru.
Deeggarsicha kan fuudhan Itti aanaan bulchaa naannoo Amaaraatti godina Shawaa kaabaa obbo Siisaay Walda’amaanu’eel, deeggarsa taasifameef galateeffachuun tokkummaan yoo wal dhaggeeffanne ni injifanna jedhaniiru.
Ityoophiyaan rakkoo ishee mudate ceetee uummannishees jireenya nagaa akka jiraataniif walgargaarsi Ityoophiyaanotaa barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Uummanni deeggarsa lammiilee buqqa’aniif taasisu cinatti gara addaatti duuluun diina injifachuu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Alaayyuu Garramawutu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna