Jiraattonni Godina Wallaggaa Bahaa fi Magaalaa Naqamtee hiriira ba’uun Shanee balaaleffatan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Jiraattonni Godina Wallaggaa Bahaa fi Magaalaa Naqamtee hiriira ba’uun garee shororkeessaa Shanee balaaleffataniiru.

Hirmaattoonni hiriirichaa Shanee maqaa uummataa da’oo godhachuun nageenya isaanii booressuu balaaleffataniiru.

Namoonni hiriiricha irratti hirmaatan tokko tokko yaada laataniin finxaaleyyiin maqaa Oromoo fi Amaaraa da’oo godhachuun saamicha hamaa gaggeessaa, nageenya isaanii booressaa turuu himuun humnoota farra nageenya isaanii ta’an kanneen qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun ofirra dhabamsiisuun misooma eegalle dhugoomsinee badhaadhina biyya keenyaa ni saffisiifna jechuusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment