Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Jiraattonni Godina Iluu Abbaaboor Godina Booranaatti ummata sababii hongeef rakkoof saaxilamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 1000 gumaachaniiru.
Deeggarsa kana Aanaalee Godinichaa 13 irraa walitti qabuun osoo nuti jirruu angaftichi bonaan hin miidhamu jechuun fageenya kiiloo meetira 1000 ol imaluun hawaasa Godina Booranaa biraan dhaqqabuu isaanii Hogganaan Waajjira Sodaa Balaa Godina Iluu Abbaaboor obbo Taariku Saambii himan.
Itti Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo deeggarsa jiraattonni Godina Iluu Abbaa Boor taasisan galateeffataniiru.
Gama biraan jiraattonni Godina Iluu Abbaa Boor Raayyaa ittisaa kutannoon diina haleelaa jiruuf aantummaa qaban muul’isuuf marsaa 3ffaaf sangoota 120 walitti qabuun deeggarsa taasiisuu ragaan Waajjira Godina Iluu Abbaa Boor irraa arganne ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.