Jiraattonni Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Algee Saachii Gooticha Raayyaa Ittisa biyyaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2014 (FBC) – Jiraattonni Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Algee Saachii Gooticha Raayyaa Ittisa biyyaaf sangoota 21 fi Birri miiliyoona 9 ol deeggarsa taasiisaniiru.

Qaamoleen Hawaasa garaagaraa Aanaa Algee Saachii waraana Gareen shororkeessaa ABUT biyya irratti bane qolachuuf deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf sangoota 21,Hoolota 11,lukkuu 41, midhaan kuntaala 110 fi dhiiga yuunitti 60 akkasumas Birri miiliyoona 9 fi kuma dhibba 7 ol fi deeggaraniiru.

Aanichatti deeggarsi akaakuu fi maallaqaan Birrii miiliyoona 10 fi kuma dhibba 4 fi kuma 53 ol waliiti qabamu Bulchaan Aanaa Algee Saachii obbo Bulchaa Daggaffaa himaniru.

Jiraattonni Aanichaas deeggarsa qabeenyaa fi dhiigaa qofa osoo hin taane, hanga duula waraanatti birmadummaa Biyyaa kabachisuuf qophii ta’u dubbataniru.

Haaluma walfakkaatuun dubartoonni Aanichaas Goota Raayyaa Ittisa Biyyaaf Magaalaa Algeetti duulaan galaa qopheessaniru.

Dubartoonni kunneenis daangaa Biyyaa kabachisuuf Goota Raayyaa Ittisa Biyyaaf galaa qopheessu dabalate waan isaanirraa eeggamu hundaan deeggarsa laachuuf qophii ta’uu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment