Jiraattonni Finfinnee obboloota isaanii Afrikaa simatanii akka keessummeessan Injiinar Taakkalaan gaafatan

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Finfinnee obboloota isaanii Afrikaa naamusa gaaridhaan akka keessummeessan itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan gaafatan.

Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan Amajjii 29 amma Gurraandhala 2,2012tti gaggeeffama.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee keessummoota biyyoota Afrikaa qaamolee federaalaa waliin ta’uudhan simachuuf qophii taasisaa turuu Injiinar Taakkalaa Uuman beeksisaniiru.

Yaa’ichi dhumatee amma keessummoonni galanitti dhiphachuu daandii mudachuu maluuf dhiifama gaafataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment