Jiraattonni Aanaa Abuunaa Gindabarat gocha badii Shanee balaaleffachuun hiriira bahan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Jiraattonni Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat gocha badii garee shororkeessaa Shanee balaaleffachuun hiriira bahaniiru.

Gareen shororkeessaa Shanee aanichatti gochoota gara jabinaa lubbuu namoota nagaa gaaga’uu, oomisha midhaanii gubuu, manneen barnootaa fi qabeenya dhaabbilee tajaajila hawaasaa kennan barbadeessuu fi ijaarsa proojektii riqicha Laga Urgaa’aa addaan kutuun hoji gara jabina hammeenyummaa dhaloota irratti qaban agarsiisaniiru.

Jiraattoonni aanichaas obsa fixachuun hiriira bahuun, gocha badii maqaa qabsoo Oromoon taasifamuu kana balaaleffataniiru.

Hiriira kanaan dhaadannoowwan ‘’Shaneen qabsooftuu bilisummaa osoo hintaane garee hattootaati; Shaneen farra barnootaati, Shaneen farra misoomaati, Shaneen ergamtuu juuntaati’’ kanneen jedhan dhageessissuu ragaan Waajjirri Dhimmoota Kominikeshinii Aanaa Abuunaa Gindabaratirra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment